xref: /plugin/elasticsearch/vendor/patrickschur/language-detection/resources/om/om.txt (revision d832d53af2a0f84c34c8d5f17c93ffaa85869e5d)
1
2Labsii Walii-gala Mirgoota Namummaa
3Murtoo Wal-ga'ii Walii-gala kan Dhaabbata Waldaa Mootummootaatiin qabxii 217 A (iii) jalatti Mudde baatii 10 bara 1948 itti Akka Murteeffamee, Ragga'ee Labsametti.
4
5SEENSA
6Ulfinni fi wal-qixxummaan ilmoo namaa kan uummattoota hundaa akka ifatti kabajamu gochuun bu'ura bilisummaa, haqaa fi nageenya addunyaa waan ta'eef;
7
8Mirga namummaa irra ijjechuun yookaan tuffachuun yeroo hunda jeequmsa badiisa fidu uumee uummata kan dheekamsiisu waan ta'eef, akkasumas addunyaa haaraa kan uummanni ishee wal-qixxummaadhaan, bilisummaa yaadaa fi amantii argatanii, yaaddoo fi dhaba irraa birmaduu ta'anii gammachuudhaan akka jiraatan gochuun hawwii fi fedha uummattoota addunyaa waan ta'eef;
9
10Uummanni bulchiisa rooroo fi cunqursaa ofirra kuffisuuf humnaan akka hinfayyadamnetti yoo barbaachise, mirgooti namummaa seeraan akka eegamu gochuun barbaachisaa waan ta'eef;
11
12Biyyoota gidduutti walitti-dhufeenyi michumaa fi wal-jaalalaa akka dagaagu gochuun barbaachisaa waan ta'eef;
13
14Miseensoti Waldaa Mootummoota hundi chartarii waldichaa keessatti mirga namummaa irratti, ulfina namaa irratti akkasumas wal-qixxummaa namoota hundaa (dhiiras ta'ee dubartii) irratti amantee qaban kan ibsan waan ta'eef;
15
16Akkasumas guddina hawaasummaa fi wayyaawuu sadarkaa jireenyaa fiduuf kan murannoodhaan hojjetan waan ta'eef;
17
18Miseensoti Waldaa Mootummootaa marti, Dhaabbata Waldaa Mootummootaa wajjin wal-ta'uudhaan kabajaan walii-galaa kan mirga namummaa fi kan bilisummaa hundaa akka eegamuuf waadaa waan seenaniif;
19
20Mirgootaa fi bilisummaa kana akka gaariitti hubatanii beekuun waadaa kana hojii irra oolchuuf guddisee kan gargaaru waan ta'eef;
21
22Kanaafuu
23
24Wal-ga'iin Walii-gala Waldaa Mootummootaa:
25
26Labsii Waliigala Mirgoota Namummaa kan uummattoonni fi biyyooti hundi walii-galteedhaan kabajan labsuudhaan, tokkoon- tokkoon uummataa fi qaamoti hawaasaa marti labsii kana hubatanii yeroo hunda akka kabajan, labsii kana barsiisuudhaan mirgootii fi bilisummaan hundi akka kabajaman akka carraaqan, karaa tarkaanfii sadarkaa biyyaa fi addunyaatti fudhatamaniinis mirgootii fi bilisummaan kun akka kabajaman akka godhan, kunis immoo uummattootaa fi miseensota Waldaa Mootummootaa giduutti akka hubatamu akka godhan jecha, labsii kana labseera.
27
28Qabxii 1
29Namooti hundinuu birmaduu ta'anii mirgaa fi ulfinaanis wal-qixxee ta'anii dhalatan.
30
31Sammuu fi qalbii ittiin yaadan waan uumamaan kennameef, hafuura obbolummaatiin walii-wajjin jiraachuu qabu.
32
33Qabxii 2
34Namni kamiyyuu mirgootaa fi birmadummaa labsii kana keessatti ibsaman, garaagarummaa sanyii, bifaa, saalaa (dhiiraa fi dubartummaa), qooqaa, amantii, ejjennaa siyaasaa, sablammummaa, hawaasummaa, qabeenyaa, dhalootaa fi waan biraatiin utuu addaan hin ba'in, ni argata.
35
36Kana malees immoo, garaagarummaan kamiyyuu karaa siyaasaa, karaa biyyummaa, karaa wal-caalmaa sadarkaa bulchiisa biyyaa fi karaa adda-addaa hin godhamu.
37
38Qabxii 3
39Namni kamiyyuu mirga jiraachuu, birmadummaa argachuu fi mirga qaamni isaa eegamuu ni qaba.
40
41Qabxii 4
42Namni homtuu garbummaa jalatti hin bulu, garbummaa fi daldalli garbaa bifa kamiin iyyuu dhorkaa dha.
43
44Qabxii 5
45Namni kamiyyuu reebichii fi gidiraan hammeenyaa yookaan immoo wanti ulfina namummaa isaa hanqisu yookaan kan hammeenyaan adabsiisu irra hin ga'u.
46
47Qabxii 6
48Namni kamiyyuu akka namummaa isaatti seera duratti beekame kabajaa argachuu qaba.
49
50Qabxii 7
51Namoonni hundi seera fuula duratti wal-qixxee ilaalamanii, garaagarummaa tokko malee, eegumsa seeraa argachuu qabu. Namoonni hundinuu waan labsii kanaan mormee isaan addaan qoodu hundumaa irraa eegamuu qabu.
52
53Qabxii 8
54Namni kamiyyuu mirgoota heeraan yookaan seeraan isaaf kenname cabsuudhaan waan isa hubu hundumaa irraa karaa mana murtii yookaan yaa'ii biyyaa eegumsa argachuuf mirga ni qaba.
55
56Qabxii 9
57Namni kamiyyuu garmalee hin hidhamu, biyyaas hin ari'atamu.
58
59Qabxii 10
60Namni kamiyyuu yeroo yakkaan himatamee mirgooti isaa fi ittigaafatamni isaa murteeffamutti, qaama loogii irraa birmaduu ta'etti dhiyaatee sirrii, qajeeltoo fi wal-qixummaadhaan gaafatamuuf mirga ni qabaata.
61
62Qabxii 11
63Namni kamiyyuu yeroo yakkaan himatamutti, hanga seeraan yakkaa ta'uun isaa itti muramutti, mirga qulqulluu ta'ee ilaalamuu ni qaba. Yeroo yaa'iitti dhiyaatus waan egumsa isaaf wabii darbu hunda ni argata.
64Namni kamiyyuu waan yakka ta'ee hin lakka'amnetti, sadarkaa biyyaattis ta'e sadarkaa addunyaatti, yakkamuu hin danda'u. Kana malees, adaba kan yeroo yakkichi raawwatame muramuu qabu caalaatiin hin adabamu.
65Qabxii 12
66Namni kamiyuu mirgi inni mana isaa keessa, qofaa isaa ykn. maatii isaa wajjin jiraachuuf qabu, yookaan mirgi inni ergaa xalayaa isaa dhoksaadhaan akka eegamuuf qabu jalaa hin tuqamu. Ulfinni namummaa isaa fi ulfinni maqaa isaas hin tuqamu. Namni kamiyyuu hubaatii ykn. yaalii akkanaa irraa seeraan ni eegama.
67
68Qabxii 13
69Namni kamiyyuu biyya isaa keessatti mirga asiif achi adeemuu ni qaba.
70Namni kamiyyuu biyya kan isaas ta'e kan biraa keesaa gadi ba'ee itti deebi'uuf mirga ni qaba.
71Qabxii 14
72Namni kamiyyuu biyyoota kan biraa keessatti mirga koolu galtummaa gaafatee argachuu ni qaba.
73Mirgi kunis waan yakka siyaasaatiin alaa ta'e ykn. waan kaayyoo yookaan hafuura Waldaa Motummootaatiin mormu yoo ta'e hin kennamu.
74Qabxii 15
75Namni kamiyyuu mirga lammummaa ni qaba.
76Namni kamiyyuu akkasummaan mirga lammummaa hin dhabu, yookaan mirga lammummaa isaa gedderachuu hin dhabu.
77Qabxii 16
78Dhiirris, dubartiinis kan umuriin isaanii fudhaaf heeruma ga'e. garaagarummaa sanyii, lammumaa fi amanteetiin utuu addaan hin qoodamin, wal-fuudhanii mirga bultii ijaarachuu ni qabaatu; yeroo wal-fuudhanis ta'ee yeroo wal-hiikanittis mirga qixxee ni qabaatu.
79Fudhaaf heerumni fedha namoota wal-fuudhan irratti kan hundeeffamu ta'a.
80Maatiin tokko qaama hawaasummaa ishee xinnoo waan ta'eef, eegumsi hundi hawaasichaa fi mootummaa irraa kennamuu fi qaba.
81Qabxii 17
82Namni kamiyyuu qofaattis ta'e namoota biraa wajjin ta'uudhaan mirga qabeenya horachuu ni qaba.
83Namni kamiyyuu seera malee qabeenya isaa dhabuu hin qabu.
84Qabxii 18
85Namni kamiyyuu bilisummaa yaaduu, samuu fi amantii ni qaba. Mirgi kun, namni kamiyyuu, amantii yookaan amantee filate qabachuu yookiin fudhachuu, amantii fi amantee isaa qofaa isaatti yookiin namoota biraa wajjin ifatti yookiin dhunfaatti waaqefachuu, hordofuu, hojii irra olchuu, barsiisuu yookiin ibsuu of keessaa qaba.
86
87Qabxii 19
88Namni kamiyyuu ilaalcha isatti fakkaate qabachuu, yaada isaas ibsuuf mirga qaba. Mirgi kun, dhiibbaa tokko malee yaada isaa ibsuu, odeeffannoo fi yaada kamiyyuu walitti qabuu fi karaa meeshaa tamsaasaa daangaan utuu itti hin godhamin dabarsuu of keessaa qaba.
89
90Qabxii 20
91Namni kamiyyuu mirga nagayaan wal-ga'uu fi nagayaan hiriira ba'u ni qaba.
92Namni kamiyyuu miseensa walda tokkoo ta'uuf hin dirqisiifamu.
93Qabxii 21
94Namni kamiyyuu, kallattiidhaanis ta'ee karaa bakka-buutota isaa, hojii mootummaa biyya isaa keessatti qooda fudhachuu ni danda'a.
95Namni kamiyyuu tajaajilaa uummataa argachuuf mirga ni qaba.
96Fedhi uummataa bu'uura aangoo mootummaati. Fedhi kunis yeroo filannootti ibsama. Filannoon kunis kan namni marti wal-qixummaadhaan qooda keessatti fudhatu yoo ta'u, sirni sagalee ofii ittiin kennanis dhoksaadhaan ni ta'a.
97Qabxii 22
98Namni kamiyyuu, akka miseensa hawaasichaatti, wabii hawaasaa argachuuf mirga ni qaba. Karaa carraaqa biyyaa fi waliigaltee addunyaas, akkasumas akka qabeenyaa fi caasaa biyya isaattis, ulfinaa fi guddina mataa isaaf waan barbaachisaa ta'an mirgoota dinagdee, hawaasummaa fi aadaa ni qaba.
99
100Qabxii 23
101Namni kamiyyuu mirga hojjechuu, hojji filachuu, hojjii keessatti haala mijuu argachuu fi hojii dhabuu irraa egamuu ni qaba.
102Namni kamiyyuu, utuu addaan hin qoodamin, hojii wal-fakkaatuuf mindaa qixxee argachuuf mirga ni qaba.
103Namni kamiyyuu gatii hojii isaatiif mindaa isaa fi maatii isaa ga'u argachuu qaba. Kunis kan ulfina namummaa isaaf ga'u ta'e, yoo barbaachises, eegumsa hawaasaa kan biraas argachuu ni danda'a.
104Namni kamiyyuu dhaabbatoota hojjetootaa uummatee keessatti qooda fudhachuudhaan mirgoota isaa eegsifachuu ni danda'a.
105Qabxii 24
106Namni kamiyyuu boqonnaa fi bashannana argachuuf, yeroo muramaa hojjechuuf, akkasumas mindaa isaa argachaa boqochuuf mirga ni gaba.
107
108Qabxii 25
109Namni kamiyyuu, innis maatiin isaas, fayyaa guutuu argatanii sadarkaa jireenya gaarii akka jiraatanitti, waan nyaata, uffataa, mana, eegumsa fayyaa fi tajaajila hawaasummaa hunda argatanii akka jiraatanitti, akkasumas hojii dhabuu, kunuunsa hawaasummaa dhabuu, dhukuba, kophummaa, dullumaa fi rakkoo jireenyaa adda addaa irraa egamuuf mirga qaba.
110Haadholii fi daa'iman gargaarsaa fi eegumsa qofaa argachuuf mirga ni qabu; daa'imman hundi, manattis ta'e bakkeedhaa yoo dhalatan, eegumsa hawaasummaa qixxeetti argachuuf mirga ni qabu.
111Qabxii 26
112Namni kamiyyuu mirga barumsa argachuu ni qaba. Barumsi, yoo xinnaate sadarkaa tokkoffaa fi lammataatti, tola ni kennama. Barumsi sadarkaa tokkoffaa dirqii dha. Barumsi tekinikii fii ogummaa kan biraa sadarkaa lammaftaatti kan kenamu yoo ta'u, kunis kan kennamu akka dandeettii abbaatti ta'a.
113Barumsi kennamu kan namummaa namaa guddisuu fi kan eegumsa mirgootaa fi bilisummaa ilmoo namaa jabeessu ta'uu qaba. Kana malees, uummattoota addunya gidduutti waliigaltee fi michummaa kan jabbeessu, sanyii fi amantii adda-addaa gidduuti waliigaltee kan uumu, akkasumas hojiiwwan Dhaabbata Waldaa Mootummootaa fi nageenya uummataa kan jabeessu ta'uu qaba.
114Warri ijoollee, akaakuu barumsaa kan fedhan ijoollee isaaniitiif filachuuf mirga ni qabu.
115Qabxii 27
116Namni kamiyyuu jireenya aadaa biyyaa keessatti dhorkaa malee qooda fudhachuu ni danda'a; faayidaa aartii fi saayinsii irraas bashannana yookiin gammachuu argachuu ni qaba.
117Namni kamiyyuu waan ogummaa saayinsii, aartii fi barreessuu ofii isaaf hojjeterraa bu'aan argamu hundi akka eegamuuf mirga ni qaba.
118Qabxii 28
119Namni kamiyyuu mirgootii fi bilisummaan labsii kana keessatti tarreeffaman marti, akka hojiitti hiikamaniif sirna hawaasaa fi addunyaa irraa waan barbaadamu hunda ni argata.
120
121Qabxii 29
122Namni kamiyyuu hawaasa namummaan isaa keessatti eegamee gabbatu keessatti itti gaafatamummaas ni qaba.
123Namni kamiyyuu, mirgootaa fi bilisummaa isaa yeroo hojiitti hiikutti, mirgootii fi bilisummaan isaa kan daangeffamuu danda'u seeraan ta'ee, kunis immoo mirgootaa fi bu'aa namoota biraa kan eegsisu, yookiin immoo bu'aa fi negeenya uummataa kan eegsisu yeroo ta'uu dha.
124Mirgootii fi bilisummaan kun hojii irra kan oolan kaayyoo fi hafuura Dhaabbata Waldaa Mootummoota kan hin faallessine ta'anii you argaman qofa.
125Qabxii 30
126Wanti labsii kana keessatti ibsame hundi, mirgootaa fi bilisummaa ibsaman cabsuuf yaadamee, yookiin gocha tokko raawwachuuf jedhamee, akka waan mootummaa tokko, yookin dhaabbata tokko yookiin nama tokko ilaalu jedhamee lakka'aamu hin qabu.
127