Lines Matching refs:ta
6 Ulfinni fi wal-qixxummaan ilmoo namaa kan uummattoota hundaa akka ifatti kabajamu gochuun bu'ura bilisummaa, haqaa fi nageenya addunyaa waan ta'eef;
8 Mirga namummaa irra ijjechuun yookaan tuffachuun yeroo hunda jeequmsa badiisa fidu uumee uummata kan dheekamsiisu waan ta'eef, akkasumas addunyaa haaraa kan uummanni ishee wal-qixxummaadhaan, bilisummaa yaadaa fi amantii argatanii, yaaddoo fi dhaba irraa birmaduu ta'anii gammachuudhaan akka jiraatan gochuun hawwii fi fedha uummattoota addunyaa waan ta'eef;
10 Uummanni bulchiisa rooroo fi cunqursaa ofirra kuffisuuf humnaan akka hinfayyadamnetti yoo barbaachise, mirgooti namummaa seeraan akka eegamu gochuun barbaachisaa waan ta'eef;
12 Biyyoota gidduutti walitti-dhufeenyi michumaa fi wal-jaalalaa akka dagaagu gochuun barbaachisaa waan ta'eef;
14 Miseensoti Waldaa Mootummoota hundi chartarii waldichaa keessatti mirga namummaa irratti, ulfina namaa irratti akkasumas wal-qixxummaa namoota hundaa (dhiiras ta'ee dubartii) irratti amantee qaban kan ibsan waan ta'eef;
16 Akkasumas guddina hawaasummaa fi wayyaawuu sadarkaa jireenyaa fiduuf kan murannoodhaan hojjetan waan ta'eef;
18 Miseensoti Waldaa Mootummootaa marti, Dhaabbata Waldaa Mootummootaa wajjin wal-ta'uudhaan kabajaan walii-galaa kan mirga namummaa fi kan bilisummaa hundaa akka eegamuuf waadaa waan seenaniif;
20 Mirgootaa fi bilisummaa kana akka gaariitti hubatanii beekuun waadaa kana hojii irra oolchuuf guddisee kan gargaaru waan ta'eef;
29 Namooti hundinuu birmaduu ta'anii mirgaa fi ulfinaanis wal-qixxee ta'anii dhalatan.
60 Namni kamiyyuu yeroo yakkaan himatamee mirgooti isaa fi ittigaafatamni isaa murteeffamutti, qaama loogii irraa birmaduu ta'etti dhiyaatee sirrii, qajeeltoo fi wal-qixummaadhaan gaafatamuuf mirga ni qabaata.
63 Namni kamiyyuu yeroo yakkaan himatamutti, hanga seeraan yakkaa ta'uun isaa itti muramutti, mirga qulqulluu ta'ee ilaalamuu ni qaba. Yeroo yaa'iitti dhiyaatus waan egumsa isaaf wabii darbu hunda ni argata.
64 Namni kamiyyuu waan yakka ta'ee hin lakka'amnetti, sadarkaa biyyaattis ta'e sadarkaa addunyaatti, yakkamuu hin danda'u. Kana malees, adaba kan yeroo yakkichi raawwatame muramuu qabu caalaatiin hin adabamu.
70 Namni kamiyyuu biyya kan isaas ta'e kan biraa keesaa gadi ba'ee itti deebi'uuf mirga ni qaba.
73 Mirgi kunis waan yakka siyaasaatiin alaa ta'e ykn. waan kaayyoo yookaan hafuura Waldaa Motummootaatiin mormu yoo ta'e hin kennamu.
78 Dhiirris, dubartiinis kan umuriin isaanii fudhaaf heeruma ga'e. garaagarummaa sanyii, lammumaa fi amanteetiin utuu addaan hin qoodamin, wal-fuudhanii mirga bultii ijaarachuu ni qabaatu; yeroo wal-fuudhanis ta'ee yeroo wal-hiikanittis mirga qixxee ni qabaatu.
79 Fudhaaf heerumni fedha namoota wal-fuudhan irratti kan hundeeffamu ta'a.
80 Maatiin tokko qaama hawaasummaa ishee xinnoo waan ta'eef, eegumsi hundi hawaasichaa fi mootummaa irraa kennamuu fi qaba.
82 Namni kamiyyuu qofaattis ta'e namoota biraa wajjin ta'uudhaan mirga qabeenya horachuu ni qaba.
92 Namni kamiyyuu miseensa walda tokkoo ta'uuf hin dirqisiifamu.
94 Namni kamiyyuu, kallattiidhaanis ta'ee karaa bakka-buutota isaa, hojii mootummaa biyya isaa keessatti qooda fudhachuu ni danda'a.
96 Fedhi uummataa bu'uura aangoo mootummaati. Fedhi kunis yeroo filannootti ibsama. Filannoon kunis kan namni marti wal-qixummaadhaan qooda keessatti fudhatu yoo ta'u, sirni sagalee ofii ittiin kennanis dhoksaadhaan ni ta'a.
98 Namni kamiyyuu, akka miseensa hawaasichaatti, wabii hawaasaa argachuuf mirga ni qaba. Karaa carraaqa biyyaa fi waliigaltee addunyaas, akkasumas akka qabeenyaa fi caasaa biyya isaattis, ulfinaa fi guddina mataa isaaf waan barbaachisaa ta'an mirgoota dinagdee, hawaasummaa fi aadaa ni qaba.
103 Namni kamiyyuu gatii hojii isaatiif mindaa isaa fi maatii isaa ga'u argachuu qaba. Kunis kan ulfina namummaa isaaf ga'u ta'e, yoo barbaachises, eegumsa hawaasaa kan biraas argachuu ni danda'a.
110 Haadholii fi daa'iman gargaarsaa fi eegumsa qofaa argachuuf mirga ni qabu; daa'imman hundi, manattis ta'e bakkeedhaa yoo dhalatan, eegumsa hawaasummaa qixxeetti argachuuf mirga ni qabu.
112 Namni kamiyyuu mirga barumsa argachuu ni qaba. Barumsi, yoo xinnaate sadarkaa tokkoffaa fi lammataatti, tola ni kennama. Barumsi sadarkaa tokkoffaa dirqii dha. Barumsi tekinikii fii ogummaa kan biraa sadarkaa lammaftaatti kan kenamu yoo ta'u, kunis kan kennamu akka dandeettii abbaatti ta'a.
113 Barumsi kennamu kan namummaa namaa guddisuu fi kan eegumsa mirgootaa fi bilisummaa ilmoo namaa jabeessu ta'uu qaba. Kana malees, uummattoota addunya gidduutti waliigaltee fi michummaa kan jabbeessu, sanyii fi amantii adda-addaa gidduuti waliigaltee kan uumu, akkasumas hojiiwwan Dhaabbata Waldaa Mootummootaa fi nageenya uummataa kan jabeessu ta'uu qaba.
123 Namni kamiyyuu, mirgootaa fi bilisummaa isaa yeroo hojiitti hiikutti, mirgootii fi bilisummaan isaa kan daangeffamuu danda'u seeraan ta'ee, kunis immoo mirgootaa fi bu'aa namoota biraa kan eegsisu, yookiin immoo bu'aa fi negeenya uummataa kan eegsisu yeroo ta'uu dha.
124 Mirgootii fi bilisummaan kun hojii irra kan oolan kaayyoo fi hafuura Dhaabbata Waldaa Mootummoota kan hin faallessine ta'anii you argaman qofa.