Lines Matching refs:ni

34 Namni kamiyyuu mirgootaa fi birmadummaa labsii kana keessatti ibsaman, garaagarummaa sanyii, bifaa, saalaa (dhiiraa fi dubartummaa), qooqaa, amantii, ejjennaa siyaasaa, sablammummaa, hawaasummaa, qabeenyaa, dhalootaa fi waan biraatiin utuu addaan hin ba'in, ni argata.
39 Namni kamiyyuu mirga jiraachuu, birmadummaa argachuu fi mirga qaamni isaa eegamuu ni qaba.
54 Namni kamiyyuu mirgoota heeraan yookaan seeraan isaaf kenname cabsuudhaan waan isa hubu hundumaa irraa karaa mana murtii yookaan yaa'ii biyyaa eegumsa argachuuf mirga ni qaba.
60 Namni kamiyyuu yeroo yakkaan himatamee mirgooti isaa fi ittigaafatamni isaa murteeffamutti, qaama loogii irraa birmaduu ta'etti dhiyaatee sirrii, qajeeltoo fi wal-qixummaadhaan gaafatamuuf mirga ni qabaata.
63 Namni kamiyyuu yeroo yakkaan himatamutti, hanga seeraan yakkaa ta'uun isaa itti muramutti, mirga qulqulluu ta'ee ilaalamuu ni qaba. Yeroo yaa'iitti dhiyaatus waan egumsa isaaf wabii darbu hunda ni argata.
66 Namni kamiyuu mirgi inni mana isaa keessa, qofaa isaa ykn. maatii isaa wajjin jiraachuuf qabu, yookaan mirgi inni ergaa xalayaa isaa dhoksaadhaan akka eegamuuf qabu jalaa hin tuqamu. Ulfinni namummaa isaa fi ulfinni maqaa isaas hin tuqamu. Namni kamiyyuu hubaatii ykn. yaalii akkanaa irraa seeraan ni eegama.
69 Namni kamiyyuu biyya isaa keessatti mirga asiif achi adeemuu ni qaba.
70 Namni kamiyyuu biyya kan isaas ta'e kan biraa keesaa gadi ba'ee itti deebi'uuf mirga ni qaba.
72 Namni kamiyyuu biyyoota kan biraa keessatti mirga koolu galtummaa gaafatee argachuu ni qaba.
75 Namni kamiyyuu mirga lammummaa ni qaba.
78 Dhiirris, dubartiinis kan umuriin isaanii fudhaaf heeruma ga'e. garaagarummaa sanyii, lammumaa fi amanteetiin utuu addaan hin qoodamin, wal-fuudhanii mirga bultii ijaarachuu ni qabaatu; yeroo wal-fuudhanis ta'ee yeroo wal-hiikanittis mirga qixxee ni qabaatu.
82 Namni kamiyyuu qofaattis ta'e namoota biraa wajjin ta'uudhaan mirga qabeenya horachuu ni qaba.
85 Namni kamiyyuu bilisummaa yaaduu, samuu fi amantii ni qaba. Mirgi kun, namni kamiyyuu, amantii yookaan amantee filate qabachuu yookiin fudhachuu, amantii fi amantee isaa qofaa isaatti yookiin namoota biraa wajjin ifatti yookiin dhunfaatti waaqefachuu, hordofuu, hojii irra olchuu, barsiisuu yookiin ibsuu of keessaa qaba.
91 Namni kamiyyuu mirga nagayaan wal-ga'uu fi nagayaan hiriira ba'u ni qaba.
94 Namni kamiyyuu, kallattiidhaanis ta'ee karaa bakka-buutota isaa, hojii mootummaa biyya isaa keessatti qooda fudhachuu ni danda'a.
95 Namni kamiyyuu tajaajilaa uummataa argachuuf mirga ni qaba.
96 Fedhi uummataa bu'uura aangoo mootummaati. Fedhi kunis yeroo filannootti ibsama. Filannoon kunis kan namni marti wal-qixummaadhaan qooda keessatti fudhatu yoo ta'u, sirni sagalee ofii ittiin kennanis dhoksaadhaan ni ta'a.
98 Namni kamiyyuu, akka miseensa hawaasichaatti, wabii hawaasaa argachuuf mirga ni qaba. Karaa carraaqa biyyaa fi waliigaltee addunyaas, akkasumas akka qabeenyaa fi caasaa biyya isaattis, ulfinaa fi guddina mataa isaaf waan barbaachisaa ta'an mirgoota dinagdee, hawaasummaa fi aadaa ni qaba.
101 Namni kamiyyuu mirga hojjechuu, hojji filachuu, hojjii keessatti haala mijuu argachuu fi hojii dhabuu irraa egamuu ni qaba.
102 Namni kamiyyuu, utuu addaan hin qoodamin, hojii wal-fakkaatuuf mindaa qixxee argachuuf mirga ni qaba.
103 Namni kamiyyuu gatii hojii isaatiif mindaa isaa fi maatii isaa ga'u argachuu qaba. Kunis kan ulfina namummaa isaaf ga'u ta'e, yoo barbaachises, eegumsa hawaasaa kan biraas argachuu ni danda'a.
104 Namni kamiyyuu dhaabbatoota hojjetootaa uummatee keessatti qooda fudhachuudhaan mirgoota isaa eegsifachuu ni danda'a.
106 Namni kamiyyuu boqonnaa fi bashannana argachuuf, yeroo muramaa hojjechuuf, akkasumas mindaa isaa argachaa boqochuuf mirga ni gaba.
110 Haadholii fi daa'iman gargaarsaa fi eegumsa qofaa argachuuf mirga ni qabu; daa'imman hundi, manattis ta'e bakkeedhaa yoo dhalatan, eegumsa hawaasummaa qixxeetti argachuuf mirga ni qabu.
112 Namni kamiyyuu mirga barumsa argachuu ni qaba. Barumsi, yoo xinnaate sadarkaa tokkoffaa fi lammataatti, tola ni kennama. Barumsi sadarkaa tokkoffaa dirqii dha. Barumsi tekinikii fii ogummaa kan biraa sadarkaa lammaftaatti kan kenamu yoo ta'u, kunis kan kennamu akka dandeettii abbaatti ta'a.
114 Warri ijoollee, akaakuu barumsaa kan fedhan ijoollee isaaniitiif filachuuf mirga ni qabu.
116 Namni kamiyyuu jireenya aadaa biyyaa keessatti dhorkaa malee qooda fudhachuu ni danda'a; faayidaa aartii fi saayinsii irraas bashannana yookiin gammachuu argachuu ni qaba.
117 Namni kamiyyuu waan ogummaa saayinsii, aartii fi barreessuu ofii isaaf hojjeterraa bu'aan argamu hundi akka eegamuuf mirga ni qaba.
119 Namni kamiyyuu mirgootii fi bilisummaan labsii kana keessatti tarreeffaman marti, akka hojiitti hiikamaniif sirna hawaasaa fi addunyaa irraa waan barbaadamu hunda ni argata.
122 Namni kamiyyuu hawaasa namummaan isaa keessatti eegamee gabbatu keessatti itti gaafatamummaas ni qaba.